Xiindachee

Xiindacheen ykn Ji'ooloojii (jechoota Giriikii durii γῆ (gê) 'dachee' fi λoγία (-logía) 'qo'annoo, xiinxala' jechuun hiikaman irraa kan dhufe), damee mirkanbeekii uumamaa kan waa'ee Dachee fi qaamolee xiinurjii biroo, kattaawwan isaan irraa ijaaraman, fi adeemsa yeroo keessatti ittiin jijjiiraman qoratuudha. Xiindacheen ammayyaa mirkanbeekiwwan dachee biroo hunda, kan akka xiinbishaan dabalatee, waliin hedduu walirra bu'a. Mirkanbeekii sirna Dachee fi mirkanbeekii bakkallee waliin walitti hidhata qaba.
Xiindacheen caasaa Dachee kan gubbaa fi gajjallaa ishee jiru, fi adeemsota caasaa sana bocan ni ibsa. Ogeeyyiin xiindachee waa'ee seenaa uumama isaanii hubannoo argachuuf qabiyyee xiinalbuudaa kattaawwanii ni qoratu. Xiindacheen umrii wal-madaallii kattaawwan bakka tokkotti argamanii ni murteessa; xiinkeemistiriin dachee (damee xiindachee) immoo umrii isaanii isa sirrii (absolute) ni murteessa. Ogeeyyiin xiindachee meeshaalee adda addaa kanneen akka xiinkattaa (petrological), xiinbaalcii (crystallographic), fi dhakkalxii (paleontological) walitti fiduun, seenaa xiindachee Dachee guutummaatti galmeessuu danda’u. Gama kanaan gochi inni guddaan tokko umrii Dachee agarsiisuudha. Xiindacheen ragaa waa'ee sochii algata jaardachee (plate tectonics), seenaa jijjiirama tirannaa jireenyaa, fi qilleensa baramaa Dachee kan darbee ni dhiyeessa.
Ogeeyyiin xiindachee bal'inaan amalootaa fi adeemsota Dachee fi bakkalleewwan lafa fakkaatan kan biroo ni qoratu. Ogeeyyiin xiindachee caasaa fi jijjiirama tirannaa Dachee hubachuuf malawwan adda addaa bal'inaan fayyadamu, kunis aloola, ibsa kattaawwanii, teeknikoota xiinnafoo dachee (geophysical), xiinxala keemikaalaa, yaaliiwwan nafoo, fi akkayyeessuu lakkoofsaa ni dabalata. Gama hojii qabatamaatiin, xiindacheen sakatta'uu fi itti fayyadamuu albuudaa fi haayidirookaarboonii, qabeenya bishaanii madaaluuf, gaddaafawwan uumamaa hubachuuf, rakkoolee naannoo sirreessuuf, fi waa'ee jijjiirama qilleensa baramaa darbee hubannoo kennuuf barbaachisaadha. Xiindacheen damee barnoota olaanaa isa guddaadha, akkasumas qibaatummaa xiindacheetiif handhuura yoo ta'u, qibaatummaa jii'ooteeknikaala (geotechnical engineering) keessattis gahee guddaa qaba.
Meeshaa ji’ooloojii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Daataan ji'ooloojii harki caalaan isaa qorannoo meeshaalee lafa jajjaboo irraa argama. Meetiyooraayitoonni fi meeshaaleen uumamaa lafaan ala jiran biroos mala ji’ooloojiitiin qoratamu.